-Boordiin Filannoo biyyaaleessaa qajeelfamaa Wixinee yeroo Filanoo COVID-19 ittiin ittisuun danda'amuu qopheesserratti Ogeessoota Fayyaa, Paartilee siyaasafi qaamoolee nageenyaa waliin mari'ataa jira.

63

Finfinnee, Amaajjii 13,2013(TOI)-Boordiin Filannoo biyyaaleessaa qajeelfamaa Wixinee yeroo Filanoo COVID-19 ittiin ittisuun danda'amuu qopheesserratti Ogeessoota Fayyaa, Paartilee siyaasafi qaamoolee nageenyaa waliin mari'ataa jira.

Duula filannoorraa jalqabeefi dhiibbaan vaayiraasii koronaa dhaqabsiisu karaa hir’isuu danda’amurratti xiyyeeffachuun qajeelfamni wixinee qophaa'eera.

Dabalatanis qajeelfamni Wixinee filannoo bara kana filatamu karaa nagaan akka raawwatuu fi hojimataafi namuusaa filannoo irrattis ni mari'atama jedhameera.

Dhimmoota qajeelfama irraa jiran sirnaan gara hojiitti jijjiiruun filannoon barana filatamu karaa nagaan akka raawwatuuf hunduu gahee isaa akka bahatu, walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Aadde Burtukaan Miidhaksaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015