Sudaan kiyyoo waraanaa qaama sadaffaan qophaa’eef dhiisuun, dhimma daangaa mariin furuuf qophii ta’uu akka qabdu Iitaamaajoorri waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaa himan.

68

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (TOI ) - Sudaan kiyyoo waraanaa qaama sadaffaan qophaa’eef dhiisuun, dhimma daangaa mariin furuuf qophii ta’uu akka qabdu Iitaamaajoorri waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaa himan.

Ummanni Tigiraay qaamolee Juuntaan deebi’ee akka dhufuuf abjootaniif otuu hin dhaga’iin, deeggarsa bulchiinsa yeroo naannichaaf qaban cimsanii akka itti fufuu qabaa dhaamaniiru.

Iitaamaajoorriin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaa kana kan jedhan haala waqtaawaa ilaalchisuun turtii TOI waliin taasisaniinidha.

Ityoophiyaa fi Sudaan biyyoota hariiroo baroota dheeraa waliin qaban ta’uu yaaddachiisaniiru.

Waggaa 1 dura rakkoo siyaasaa Sudaan mudatee ture, lammiileen Sudaan otuu hin miidhamiin furmaata akka argatuuf gumaachi Ityoophiyaan taasifte olaanaadha jedhan.

Haata’uti wayita mootummaan Ityoophiyaa garee juuntaa irratti olaantummaa seeraa fudhachaa jirutti waraanni Sudaan daangaa Ityoophiyaa cehuun seenuu eeraniiru.

Ta’iin kun biyya hariiroo bara dheeraa waliin qabanirra kan eegamu mitis jedhaniiru.

Waraanni Sudaan daangaa Ityoophiyaa cehee seenuu isaa duuba waliigaltee fi ijaarsa Hidha Haaromsaa gufachiisuuf kan kaayyeeffate qaamni sadaffaa jiraachuu eeraniiru.

Haata’utii, Ityoophiyaan rakkinicha mariin furuu malee Sudaan waliin waraanatti seenuu akka hin feene ibsaniiru.

Sudaan kiyyoo waraanaa qaama sadaffaan qophaa’eef dhiisuun, rakkinicha mariin furuuf qophii ta’uu akka qabduus waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015