Mootummaan hidhattoota ABO Shaneefi Gumuuzirratti tarkaanfii akka fudhatu gaafatame.

50

Finfinnee, Amajjii 12, 2013(TOI)- Mootummaan hidhattoota ABO Shaneefi Gumuuzirratti tarkaanfii akka fudhatu gaafatame.

Hidhattoota ABO Shaneefi Gumuz lammiilee Godina Matakkalirratti haleellaa gaggeessaa jiran ittisuuf mootummaan tarkanfii cimaafi si’ataa fudhachuu akka qabu jiraattoonni naannawichaa gaafatan.

Humni Qindaa’aa Ministira Muummee Doktar Abiyyiin hunda’e gamasaatiin hawaasni odeeffannoo dabarsuun qaamolee gufuu duulichaa ta’an saaxiluu qaba jedheera.

Humni Qindaa’aa kun jiraattootaafi miidhamtoota Godina Matakkal, Aanaa Dibbaaxee, Ganda Gaalisaa waliin dhimma wayitawaarratti mari’ateera.

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti sabootaafi sablammoota Itoophiyaa garagaraa waliin waliigalteen jiraachaa akka turan himanii, yeroo dhiyoo as garuu haleellaan eenyummaa bu’ureffate humnoota hidhattoota ABO Shaneefi Gumuziin raawwachaa jiru waliin jireenyasaanii hir’isaa jira.

Kanaaf mootummaan humnoota kunneenirratti tarkanfii cimaafi ariifataa ta’e fudhachuu akka qabu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015