Sadarkaa Idila-Addunyaatti lakkoofsi namoota vaayirasii Koroonan qabamani miiliyoona 95 darbe jedhame.

52

Finfinnee, Amajji 10,2013(TOI) - Sadarkaa Idila-Addunyaatti lakkoofsi namoota vaayirasii Koroonan qabamani miiliyoona 95 darbe jedhame.

Sadarkaa Idila addunyaatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonan qabamani miiliyoona 95 fi kuma 400 fi kuma 88 fi 706 gaheera.Lakkoofsi namoota lubbuun isaanii vaayirasii kanaan darbe miiliyoona 2 fi kuma 39 fi 706 yoo ta'uu namoonni miiliyoona 68 fi kuma 100 fi kuma 96 fi 88 dhibee kanarraa dandamataniiru.

Lammiileen Ameerikaa miiliyoona 24 fi kuma 400 fi kuma 82 fi 50 vaayirasii kanaan qabamun Ameerikaan adduunyarraa sadarkaa jalqabaa irra jirti; lakkoofsa kana keessaa lammiilen kuma 400 fi kuma 7 oli lubbuunisaanii yoo darbu, lammiilen miiliyoona 14 fi kuma 400 fi kuma 28 fi 351 immoo dhibee kanarra dandamataniiru.

Indiyaan lammiileen ishii miiliyoona 10 fi kuma 500 fi 72 vaayirasii koroonaan yoo qabaman lammiilen kuma 100 fi kuma 52 fi 456 lubbuun isaanii darbun addunyaarra sadrkaa 2ffaa irratti argamatti.

Lammiileen Biraaziil miiliyoonni 8 fi kuma 400 fi kuma 88 fi 99 vaayirasii koroonan yoo qabaman; lammiileen kuma 2 fi 10 lubbuun isaanii darbun addunyarra sadarkaa 3ffaa irratti argamti.

Raashiyaa fi UK’n tokko tokkoon isaanii lammiileen isaanii miiliyoona 3 akkasumas Firaansi, Tarkii, Itaali, Ispeeni fi Jarman tokkon tokkoon isaanii lammiile miiliyoona 2 ol vaayirasii koroonan qabaman galmeessun sadarkaa 4 hanga 9ffaa qabataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015