Injifannoon Aduwaa abbootiin keenya waldhaggeeffachuu, walkabajuun, tokkummaa fi jaalalaan injifannoo galmeessanidha

64

Finfinnee, Amajjii 9, 2013 (TOI ) – Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee injifannoon Aduwaa abbootiin keenya waldhaggeeffachuun, walkabajuun, tokkummaa fi jaalalaan injifannoo galmeessanidha jedhaniiru.

Aadde Adaanech imaltoota Aduwaa marsaa 8ffaaf galaa laachuun gaggeessaniiru.

Sirna geggeessa kanarrattis haasaa taasisaniin injifannoon Aduwaa warreen Itoophiyaa, ummaataa fi hoggantoota ishee xiqqeessan hundi akka salphatan kan himu kitaaba seenaati jedhan.

Akka abboota keenyaa biyya jaalatamtuu kana tokkummaan kabachiisuu fi ceesisuu qabnas jedhan.

Sirnicharratti bulchiinsi magaalichaa imaltootaaf deeggarsa galaa dabalataan Birrii miiliyoona 2 bifa kennaan laateera.

Injifannoo Aduwaa 125ffaa ilaalchisuun magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyatti gara garaa irraa walitti kan baba’an imaltoonni 125 bakka Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, abbootii amantaa fi hooggantoonni olaanoo araganitti gaggeessaan ta’eerafi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015