Buuffanni sakkata’insaa Itiyoo-Keeniyaa walqunnamsiisu eebbifame.

54

Finfinnee, Amajjii 9, 2013 (TOI ) –Buuffanni sakkata’insaa Itiyoo-Keeniyaa walqunnamsiisu eebbifame.

Buufatiicha eebbisiisuun tajaajilaaf banaa kan taasisan Daayreektarri Olaanaan Eejansii Immigireeshinii Lammummaa fi Galmeessa Ragaalee obbo Mujiib Jamaal buuffanni akka kanaa naannoo daangaa irra jiraachuun sochii lammiilee si’eessuu, daddabarsa namoota seeraan alaa ittisuu fi carraa hojii uumuuf gahee guddaa qabaa jedhaniiru.

Buufaticha Eejansiin Immigireeshinii Lammummaa fi Galmeessa Ragaalee IOM Ityoophiyaa waliin ta’uu kan ijaarame ta’uu ibsameera.

Haaluma walfakkaatun fuula duratti buuffanni sakkata’iinsa haaraan Gambeellaa, Beenishaanguul Gumuuzii fi Somaaleetti kan ijaaramanii fi eebbiofaman jiraachuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015