Feestivaaliin tapha Aadaa Fardaa Qopheessummaa Yuunvarsiitii Salaaleetiin Aanaa Waacaaleetti adeemsifameera - ENA Afaan Oromoo
Feestivaaliin tapha Aadaa Fardaa Qopheessummaa Yuunvarsiitii Salaaleetiin Aanaa Waacaaleetti adeemsifameera
Finfinnee,Amajjii 09,2013(TOI)- Feestivaaliin tapha Aadaa Fardaa Qopheessummaa Yuunvarsiitii Salaaleetiin Aanaa Waacaaleetti adeemsifameera.
Yuunvarsiitiin Salaalee beekumsa hawaasaa gara Saayinsiitti fiduun Aadaa fi seenaa hawaasaa naannichaa guddisuuf kaayyeffate hojjechaa jira jedhame.
Seenaa faradoo gotoota Salaalee,Aadaa tapha fardaa Salaalee fi cimina sanyii Faradoo Salaalee addunyaaf beeksiisuun madda Tuuriziimii gochufis feestivaaliin tapha Aadaa Fardaa aanaa Waacaaleetti qophaa'eera.
Feestivaalichis tapha Aadaa Fardaa kanneen akka gugsii,sagarsiisuu,garmaama,gombisaafi kannen biroo hawaasni itti fayyadamaa jiruufi irraaffatamaa dhufe caalmaatti qorannoon deeggaranii misomsuufi madda Tuurizimii gochuufis kan kaayyeeffate ta'uu,Pireezedaantiin Yuunvarsiitii Salaalee Dr. Ganaanawu Gofee himaniiru.
Jiddu gala qorannoo fi qo'annoo Sanyi Faradoo Salaalee hundeessufis aanaan Waacaalee lafa heektara 10'n nuuf kenneera,dhiyeenyattis hojii eegala jedhan.
Hirmaatonnis tapha Aadaa Fardaa jaalatamaa ture adeemsaan dagatamaa dhufe bakkatti deebisuufi Faradoo Salaalee addunyaaf beeksisuun hojin Yuunvarsiitiin Salaalee eegale baayyee nu bonseera jedhan.
Maddi:- OBN