Bulchiinsi masaraa biyyaalessaa hojmaatawwan badaa qisaasa olaanaa uumaa turan sirreessaa akka jiru ibse

71

Finfinnee Guraandhala 22/2011 hojmaatawwan badaa maallaqa mootummaa fi ummataa qisaasa olaanaaf saaxilaa turan sirreessaa akka jiru bulchiinsi masaraa biyyaalessaa beeksise.

Bulchiinsichi raawwii hojii walakkaa waggaa kan bara 2011 har'a wayita qoratu hojmaatawwan badaa kanaan dura turaniin toora bilbilaa, nyaataa fi dhugaatii akkasumas rakkoolee qabannaa meshaa addaddaatiin maallaqani qisaasamuusaa beeksiseera.

Fakkeenyaaf kanaan dura maqaa masaraa biyyaalessaatiin ba'anii tajaajilarra kan turan toora bilbilaa fi "E-Video" 300 keessaa dhaabbatichi kan ittiin fayyadamu 38 qofatti akka ta'e mirkanaa'eera.

Daarektarri olaantuun bulchiinsa masaraa mootummaa adde Warqinash Birruu akka jedhanitti toorri bilbilaa fi "E-VIDEO" abbootii taayitaa tokko tokkoof faayidaa dhuunfaaf akka oolaa akka turee fi waggaatti birriin miiliyoona shanii ol qisaasamaa akka ture dubbataniiru.

Bulchiinsi masaraa mootummaa qabannaa meeshaalee, itti fayyadama maallaqaa fi dhimmoota biroorratti koree dhaabee qorannaa adeemsisuusaa fi toora itti fayyadamu 38tii ala kan jiran akka cufaman taasisuusaa beeksiseera.

Dabalataanis abbootiin taayitaa tokko tokko nyaataa fi dhugaatii gatiinsaanii mi'aa ta'e masaraa mootummaarraa fe'anii birriin miiliyoona jaa'aa ol qisaasamaa akka ture eeraniiru.

Namoota gocha kanarratti hirmaatan qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta'uun adda baasuudhaan seeraatti dhiheessuuf hojiin hojjetamu itti fufa jedhaniiru.

Kana malees meeshaan kuusaa keessa jiru osoo hin xumuramiin kan biraa bituun, meeshaalee jiran sirnaan qabachuu dhiisuun hojmaata qisaasaaf karaa bane ture jechuun dubbataniiru.

Daaraktarittiin akka jedhanitti, bulchiinsi masaraa mootummaa wayita ammaa hojmaata kanneen sirreessaa meeshaalee dhabamsiifamuu qaban dhabamsiisuu, hambaa ta'uu kan qaban kaa'uu, tajaajilaaf kan oolan ammoo gosa gosaan walitti qabee kaa'uurratti argama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015