Ambaasaddar Alamaayyahu Taganuu Afrikaatti itti aanaa Daayreektara qajeelcha Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Toodoo Joorji Vilaadiimiirooviich waliin mari'atan

45

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (TOI) - Raashiyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Alamaayyahu Taganuu Afrikaatti itti aanaa Daayreektara qajeelcha Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Toodoo Joorji Vilaadiimiirooviich waliin mari'atan

Haala waqtawaa Itoophiyaa fi hariiroo biyyoota lamaaniirraatti xiyyeeffachuun mari'ataniiru.

Ambaasaaddar Alamaayyahun duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuu ibsaniiru.

Hoggantoota garee juuntaa seeraan barbaaddaman to'annoo jala oolchuu cinaatti hojiin deeggarsa namoomaa dhiyeessuu fi bu'uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.

Afrikaatti itti aanaa Daayreektara qajeelcha Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Toodoo Joorji Vilaadiimiirooviich gama isaaniin duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayiitti gaggaaffame dhimma keessaa Itoophiyaa ta'uu isaan giddugalummaan kan hin barbaachifne ta'uu kaasaniiru.

Dhimmi daangaa Ityoo - Sudaan dippiloomaasiin furmaata akka argatu abdii qaban ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015