Magaalaa Jigjigaatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaan waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw ijaarame eebbifame

73

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (TOI)-Naannoo Sumaalee magaalaa Jigjigaatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaan lama waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw ijaarame eebbifameera.

Sirna eebbichaarratti Giiftii Dureen Itoophiyaa aadde Zinaash Taayyaachaw, itti aanaan pireezdaantii naannoo Sumaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi hooggantoonni hojii mootummaa naannichaa argamaniiru.

Manneen barnoota kunneen gamoo bulchiinsa, daree barnootaa, mana kitaabaa, galmaa walga’ii fi mana qulqullina of keessaa qabu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015