Obbo Dammaqaan gita isaanii Ostiriyaa waliin mari’atan

66

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (TOI) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin gita isaanii Ostitiriyaa Aleeksaandar Shaalanbarg waliin mari’ataniiru.

Hariiroo biyyoota lamaniirratti xiyyeeffachuun marii taasiisaaniiru. Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa turee fi naannicha deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamaa jirurratti mari'ataniiru.

Obbo Dammaqaan gita isaanii Ostiriyaa waliin dhimma ijaarsa hidha Haaromsaa ilaalachise haala waliigalaa jirurratti marii taasiisaniiru.

Dabalataan rakkoo daangaa Itiyoo - Sudaaniin walqabatee jiru irratti waliin mari'ataniiru jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015