Naannawa Moyyaalee giddu gala dinagdee Afriikaa bahaa gochuuf Itoophiyaa fi Keeniyaan waliin akka hojjetan waamichi taasifame

146

Finfnnee Guraandhala 22/2011 Itoophiyaa fi Keeniyaan kan itti wal daangessan naannawa daangaa Moyyaaleetti giddu gala dingdee Afriikaa bahaa gochuuf waliin akka hojjetan muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimad waamicha taasisan.

Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa gama isaaniitiin biyyoonni lamaan walitti hidhinsa dinagdee cimaa uumuuf haala mijataa qaban muxuchanii akka itti fayyadaman dubbataniiru.

Hooggantoonni kana kan dubbatan walitti hidhiinsa dinagdee Itoophiyaa fi Keeniyaa

cimsuuf Fooramii Finfnneetti adeemsifamaa jiru irratti dha.

Foramichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, biyyoota lamaanuu keessaa hoggantoota mootummaa olaanoo dabalatee abbootiin qabeenyaa Keeniyaa 100 kan ta’an irratti hirmaachaa jiru.

Muummichi ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kana akka dubbatanitti ``Itoophiyaa fi Keeniyaan waliin yoo hojjetan waanti isaan dhibu akka hin jirre Atileetonni Maraatoonii keenya ragaa dha`` jedhaniiru.

Biyyoonni lamaan bu’uraalee misoomaan walitti hidhamuun naannoo Moyyaaleetti giddu gala dinagdee baha Afriikaa gochuu akka qaban waamicha godhaniiru.

Kanaafuu mootummaan isaanii waan irraa eegamu hunda raawwachuuf kutannoo qaba jedhaniiru.

Pirezidaanti Uhuuru Keeniyaattaa gama isaaniitiin waliin misoomsuuf carraa qabaniin yoo ilaalamu adeemsi isaan godhan hanga isaan irraa eegamu akka hin taane kaasaniiru.

``Kanaafuu haala mijataa jiru fayyadamuun jireenya lammiilee keenyaa fooyyessu qabna`` jedhaniiru.

Karaan saffisaa Finfnnee hanga Moyyaaleetti diriirfame walitti hidhinsa isaa mijeessuuf ga’ee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Waggaa darbe ji’a Eblaa  muummichi ministiraa Abiyyi Ahimad Keeniyaatti daawwannaa hojii taasisaniin dhimmoota gargaarsa biyyoota lameenii cimsuu dandeessisu irratti Pirezidaantii Keeniyaa wajjiin walii galanii turan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015