Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambasaaddara Diina Muftii ta'eewwan gurguddoo walitti dhufeenya alaa gama siyaasaa,dinagdee fi dippiloomaasii lammileetti hojilee hojjetaman ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennan.

42

Finfinnee,Amajji 4/2013(TOI). Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambasaaddara Diina Muftii ta'eewwan gurguddoo walitti dhufeenya alaa gama siyaasaa,dinagdee fi dippiloomaasii lammileetti hojilee hojjetaman ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennan.

Gama dippiloomaasii, siyaasatiin dhimma dangaa Sudaan fi Itiyoophiyaa irratti Sudaan bifa qindaa'een dangaa Itiyoophiyaa dhibaa jiraachuu fi kara keessaa galaa kan jirtuu tahuus Itiyoophiyaan nageenyaa fi badhaadhina walootiif dursa kennuun dhimmicha biyyoota Afrikaatiif hubachiisaa jirti, kanaan cinaatis Itiyoophiyaa ergamni qaamota Itiyoophiyaa fi Sudaan walitti busuuf deeman akka hin milkoofneef dubbi mariin akka hiikamuuf hojjecha jirti jedhan Ambasaaddar Diinan.

Dhimmi daangaa biyyoota lamaani bara 1972 ALAtti sanadni waliigaltee mallata'ee biyyoota addunyatiif kan ibsame ta’uus ibsan.

Dhimma Marii Hidhaa Haaromsaa Itiyoophiyaatiin walqabatee jirus garaagarumma fi tokkummaa biyyoota sadan jiduu jiru ilaalchisuu sanada marii expertoota Gamtaa Afrikaatiin dhihaate irratti ammas Sudaan waligaluu kandidde tahuu kan ibsan Ambasaaddar Diinan mariin Gamtaa Afriikaatti biyyoota sadani akka hin milkoofneef gochuuf kan akeekamee fakkata jedhan.

Gama dippiloomaasii lammileetiinis lammiilee Itiyoophiyaa Sawudii fi Oomaan jiraatan 742 gar biyyatti akka deebi'an taasifamee jira ja'an.

Gama dippiloomaasii dinagdeetiin ammoo gama investmeentiin investaroota alaa harkisuu fi haala mijataa uumuun akka hojjetan darbees hidhata investeroota alaa fi biyya keessaa cimsuuf waltajii waliinii ministeera dhimma alaa hirmaachisee uumuun hojjetamaa jiraachunis ibsame jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015