Pirezidaantiin keeniyaa Uhuuruu keeniyaattaa Finfnnee galaniiru

106

Guraandhala 22/2011 Pirezidantiin keeniyaa Uhuuruu keeniyaattaa Itoophiyaatti do’annoo hojii gochuuf har’a Finfnnee galaniiru.

Pirezidaanti Uhuuruun buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee yeroo ga’an muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahmad simannaa godhannii, kabaja isaaniifis madfin dhukaasameera.

Pirezidaantiin kun Itoophiyaatti yeroo turtii isaaniitti pirezidaantii Saahilewarqii Zawudee fi muummicha ministiraa Abiyyi Ahimadi waliin dhimmoota biyyoota lameenii fi kutaa Afriikaa bahaa ilaalchisee marii akka godhan odeeffannoon waajjira ministeera odu himaa biyya alaatii argame ni agarsiisa.

Dabalataan Itoophiyaa fi keeniyaa gidduu walitti hidhinsa daldalaa fi dinagdee caalaatti cimsuuf kaayyoo godhatee har’a fooramii daldalaafi Invastimantii Itiyoo-keeniyaa irratti ni hirmaatu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015