Lammii Itoophiyaa Kuweetitti hojjechiistootaa isheen miidhaan irra gaheef kaasaan birrii miiliyoona walakaa akka kanfalamuuf murtaa'e.

66

Finfinnee,Amajji, 2/2013 (TOI) - Lammii Itoophiyaa Kuweetitti hojjechiistootaa isheen miidhaan irra gaheef kaasaan birrii miiliyoona walakaa akka kanfalamuuf murtaa'e.

Namni miidhaan irra gahee kunis Habtaamuwaa Himar jedhamti. Fulbaana 25/2013 mana keessa hojjetutti mucaa hojjechiiftuu isheen shugguxiin rukutamtee miidhamte.

Sababaa kanaanis mana yaalaa galtee yaalama turteetti. Imbaasiin Itoophiyaa Kuweetitti argamuus dhimma ishee poliisii waliin ta'uun abbaa alangaa tolan ishee gargaraanii hordofaa turera.

Kanaanis manni murtii dhaadacha gaafa guyyaa Amajji 2/2013 ta'een miidhaatuu kanaaf maallaqa Kuweet 4000 ykn birrii Itoophiyaa kuma dhibba 5 fi kuma 12 akka kaasaan kaffanuuf murteesera.

Kan miidhaan irra gahee kaasaan akka kanfalamuuf murta'e Habtamuwaa Himar haga gara Itoophiyaatti deebitutti harka mootummaa akka turtus murteessera.

Imbaasiichis warreen gargarsaa taasisaniif hundaa kan galateeffate ta'uu odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itoophiyaa Imbaasii Itoophiyaa Kuweetitti argamuu irraa argate ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015