Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma alaa obbo Dammaqaa Makonniin bakka bu’aa dhimma alaa fi imaammata nageenyaa olaanaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Booral waliin mari’ataniru.

52

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (TO) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma alaa obbo Dammaqaa Makonniin bakka bu’aa dhimma alaa fi imaammata nageenyaa olaanaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Booral waliin mari’ataniru.

Dhimma haala waqtawaa naannoo Tigraayirratti bilbilaan mar’itaniiru.

Obbo Dammaqaan hojii naannicha deebisanii ijaasruu fi deeggarsa namoomaa taasiifamaa jiru ilaalchise ibsa taasiisaniiru.

Fedhii naannichaa guutuuf mootummaa fi dhaabbileen deeggartootaa qondoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Naannichaatti tattaaffii deeggarsa namoomaa eegalame cimsuu fi itti fufsiisuuf waliigalaniiru.

Hariiroo Ityoophiyaa fi gamticha gidduu jiru caalmaatti cimsuuf waliigaluu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015