Miidiyaa fi Dhaabbileen Amantaa hojiiwwan ummata walitti dhiyyeessanirratti xiyyeeffachuun tokkummaafi nageenya cimsuurratti hojjachuu qabu

136

Finfinnee, Mudde 30,2013(TOI) Miidiyaafi Dhaabbileen Amantaa hojiiwwan ummata walitti dhiyyeessanirratti xiyyeeffachuun tokkummaafi nageenya cimsuurratti hojjachuu qabu jedhame.

Iddoowwan garagaraatti walitti bu’insa mudatan dhaabsisuufi qaama furmaataa ta’uun hojjachuu barbaachisaadhas jedhameera.

Abbootiin amantaafi hoggantoonni miidiya tokko tokkoo adeemsi siyaasa bara dheeraaf eenyummaarratti xiyyeeffachuun hojjatamaa ture,rakkoo amma mudachaa jiruuf sababa guddaadha jedhu.

Haluma kanaan rakkoo ture furuun akka danda’amuuf keesumaa gaheen abbootii amantaafi miidiyaa olaanadha jedhaniiru.

Hojii Gaggeessa Olaanaan OBN Gazeexeessaa Zinaabuu Asraat baroota darban hojiiwwan hawaasa walitti dhiyyeessan hin hojjatamne;hojii adda faffageessuuti kan hojjatame jedhaniiru.

Waggoota 30 darban hojiin sabaafi sabaa walitti buusuu, hojiiwwan duudhaa Itiyoophiyaa busheessan hojjatamaniiru jedhan.

Yuunvaarsiitii Finfinneetti, barsiisan kutaa barnoota Gaazexessummaa Dr.Mulaatu Alamayyoo baroota darban jibba facaasaa,garagarummaa siyaasa bal’isuun hojiiwwan saboota walitti buusuufi dhaabbilee amantaa adda baasuutu hojjatamaa ture jedhan.

Amantaa Ortoodoksiirraa kan argaman Dr.Abuna Aragaawiin ummanni miiraa waliinii duraatti akka deebi’uufi tokkummaasaa cimsuun duudhaafi sirna Itiyoophiyaanummaan waliiyaaduu,walgargaaruufi wal kabajuun barbaachisadhas jedhaniiru.

Pireezedantin Waldaa Warra Wangeelaa Paastar Tsaadiquu Abdoo amantaalee keessattis iddoowwan walitti bu’insi itti uumamee ture akka jiran himaniiru.

Walitti bu’insi kunis barsisa amantaarraa kan eegamu mitis jedhan.Walitti bu’insi mudate kun furmaata argachuu qaba kan jedhan, immoo Gaazexessaa Xibabuu Ballaxaati.

Qaamooleen yaada kennan kunneen namoota sababa garagaraan miidhaan irra gahee deeggaruun itti gaafatamummaa qaama hundaati jedhaniiru.

Qamoolee farra nageenyaas waliin ittisuu qabnas jedhaniiru.Keessumaa dhaabbileen amantaafi miidiyaan itti gaafatamummaa biyya tajaajilusaanii haalan bahuu qabus jedhan.

Mootummaanis gareedhaanis ta'u dhuunfaan kanneen yakka raawwatan seeratti dhiyeessuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015