Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonni garee Juntaa olaanoo 5 to’annoo jala oolan - ENA Afaan Oromoo
Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonni garee Juntaa olaanoo 5 to’annoo jala oolan
Finfinnee, Muddee 30, 2013 (TOI)- Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonni garee Juntaa olaanoo 5 to’annoo jala ooluu isaanii itti gaafatamaan qajeelcha humna raayyaa ittisaa Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew ibsan.
Itti gaafatamaan qajeelcha humna raayyaa ittisaa Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew akka ibsanitti, hoogganaan garee juuntaa kan ture Sibahaat Naggaa bakka rakkisaa dhokatee turee keessaatti to’annaa jala ooleera jedhan.
Raayyaa ittisa biyyaa fi miseensoonni qaamolee nageenyaa federaalaa sakattoo waliin taasisaniin bakka dhokatee turee ba’uun to’anna jala oolchuu Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew himaniiru.
Dabalataan kanneen hafan biroonis raayyaa ittisa biyyaa ganuun hooggana isaanii Sibahaat Naggaa waliin to’annaa jala oolu himaniiru.Humna hidhatee hooggantoota juunta kanneen eegaa ture irrattis tarkaanfiin fudhatamu himaniiru.
Haaluma kanaan to’annaa jala kan oolan:-
1.Hooggana garee juntaa Sibahaat Naggaa
2. Leetenaal Koloneel Tsa’aduu Riich- haadha warraa Sibahaat Naggaa fi kana duraa Hospiitalaa Xoor Haayloochitti ogeessa fayyaa kan turte, boodarra sooromaa kan baate.
3.Koloneel Kinfee Taaddasa –raayyaa ittisaa kan gane4. Koloneel Yamaanee Kaahisaay-raayyaa ittisaa kan gane
5. Asaggid G/Kiristoos- nama dhuunfa itti gaafatamuumman isaa hin beekamne to’anna jala oolaniiru.
6.Haadha warraa Meejaar Jeneraal Haayaloom Ari’ayaa kan turteefi jireenyaa ishee Ameerikaa taasisuun boodarra gara Finfinnee dhufuun gara garee juuntaatti kan dabalamtee,aadde Algaanaash Mallas garicha to’achuuf ooppireeshinii gaggeeffame keessaatti miliquuf wayita yaaltutti hallayaa seenuun lubbuun ishee darbuu Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew himaniiru.