Naannoo Beeniishangul Gumuuzitti hojiin misooma sululaa eegalame

61

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (TOI) – Duulli hojii misooma sululaa hirmaannaa hawaasaan gaggeeffamu naannoo Beeniishangul Gumuuzitti har’a ifatti eegalameera.


Duulicha godina Asoolaa aanaa Baambaasiitti bakka bu’aan Preezdaantii naannichaa obbo Baabakir Kaliifaan eegalchiisaniiru.


Hojiin misooma sululaa bara kanaa naannoo yaa’a laga Abbayyaarratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu eerrameera.

Qonnaan Bultoonni fi hoggansi sadarkaan jiran duulicharratti ni hirmaatu jedhame.


Hojiin misooma sululaa kun baatii lamaaf kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015