Ummanni jijjiirama gama siyaasaatiin argate misoomaaf oollchuu qaba-miseensota Caffee Oromiyaa

79

Adaamaa Guraandhala 21/2011 Jijjiirama gama siyaasaatiin galmaa’e misoomaa fi guddina dinagdeetiif akka oolu hojjechuun akka barbaachisu miseensonni Caffee Oromiyaa dubbatan.

Hooggansa aangoo fi itti gaafatama ummnni itti kenne faayidaa fi hirmaannaa ummataaf hin oolchine gaafataaa taasisuun akka barbaachisu yaadachiisaniiru.

Miseensonni Caffee kana kan ibsan Adaamaa galma abbaa Gadaatti guyyoota lamaaf adeemsifamaa kan ture yaa’iin idilee Caffee 9ffaa wayita xumuramuttidha.

Raawwiin hojii ji’oota jaa’aa qoratamee kallattiin erga kaa’amee booda miseensonni Caffee riippoortara tajaajila oduu Itoophiyaatiif addatti yaadasaanii kennaniiru.

Yaa’iin Caffee kun labsii waldaalee hojii gamtaa hundeessuuf ba’ee fi muudama abbootii murtii aanaa 290 ragaasiseera.

Kana malees ji’oota jaa’an darban mootummaan naannichatti nagaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf humnasaa guutuudhaan hirmaachaa turuunsaa ibsameera.  

Haa ta’u malee hojiin kun akka tarkaanfii gaariitti yoo fudhatames harkifannaan pirojektoota misoomaa fi haalli tajaajilli itti kennamu fooyya’uu dhabuunsaa hubatameera. Kun xiyyeeffannoo akka barbaadu yaa’ii kanaan qoratameera.

Miseensi Caffee adde Jamiilaa Mahaammad “ani akka bakka bu’ummaa ummataatti tasgabbii ummataa fi mootummaadhaan dhufe ummanni hubatee Qeerroo, Qarree, jaarsi biyyaa fi hawaasni guutuun injifannoo argametti fayyadamnee hojii gama siyaasaatiin ture gara dinagdeetti deebifnee, gara guddina dinagdeetti fiduudhaan itti gaafatama nurraa eegamu ba’uutu barbaachisa” jedhaniiru.  

Obbo Mahaammad Amdee “keessumaa gama siyaasaatiin dirree siyaasaa bal’isuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru.injifannoo siyaasaa argame kana gara dinagdeetti ceesiuu fi dinagdeerratti s gonfachuuf gama tokkoon hawaasni keenya injifannoo argame eeguu qaba, kunuunsuu qaba. Gama biraatiin hooggansi sadarkaan jiru kallattii  jijjiiramni kun fuulduratti itti deemu hordofee ummata hirmaachisuudhaan keessumaa hawaasni nagaasaa eeguudhaan fuulasaa gara misoomaati naannessuu qaba” jedhaniiru.

.

Miseensi Caffee kan biraan obbo Gazzaalee Hajii gamasaaniitiin “carraa gama siyaasaatiin argametti fayyadamnee gara carraa guddina dinagdee akka argannu hooggantoota jalaa amma gubbaatti jiran  kakaasuudhaan ummanni keenya fayyadamaa akka ta’u dadammaqasuu qabna jedhaniiru.

Hooggansi sadarkaadhaan aangoo fi itti gaafatamni kennameef aanoon kun kan umurii guutuu akka hin taane hubatee itti gaafatama kennameef hirmaannaa ummataa fi faayidaa haqa qabeessaaf oolchuu akka qabu miseensonni Caffee yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015