Noottii Birrii irraatti barreeffame hin fudhatiinaa jedhame oduun tamsaa’a jiru odeeffannoo dogoggoraa ta’uu, Baankiin Biyyaalessaa Itioophiyaa beeksise.

49

Finfinnee,Mudde 28, 2013(TOI) - Noottii Birrii irraatti barreeffame hin fudhatiinaa jedhame oduun tamsaa’a jiru odeeffannoo dogoggoraa ta’uu, Baankiin Biyyaalessaa Itioophiyaa beeksise.

Baankiin Biyyaalessaa Itioophiyaa guyyaa har’a Mudde 28 bara 2013 ibsa baaseen Noottii Birrii irraatti kan barreeffame hin fudhatina jedhame odeeffannoon tamsaa’aa jiru doggora ta'uu beeksiseera.

Ibsichiis kan armaan gadiiti

Ittii yaadamee ykn maal nadhibdeen akka noottii birrii hin balleessineef akkasumas maallaqaa baay'inaan seeraan ala bakka tokkootti akka hin kuufaamneef Baankiin biyyaaleessa Itoophiyaa qajelfamoota lakoosfaa CMD/01/2020 irratti eerame baasuun isaa ni yaadatama.

Kanaaf noottiin birrii akka yeroo dheeraa tajaajiluuf ,

1.Noottii Birrii irratti barreessuu, tarsaasu, halluu adda addaa dibuufi ergawwaan achirraa jiran eeyyama malee baayi’isuun seeraan kan nama gaafachisuu ta’uun ibsameera.

2.Namoonni hojii beeksisaaf baay’isuu barbaadan dursanii Baankiii Biyyaalessaa Itioophiyaa eeyyama gaafachuun fudhachuu qabu jedhameera.

3. Noottiiwwaan birri sabaabaa adda addaan miidhamanii jiran yeroo uuman immoo karaa isaan gabaa keessaa ittiin bahaan qajeelfamoonni kan qopha'aaniif ta'uu,

4) Baankichii qajeelfamoota kana immoo gara afaan Amaahaaraatti kan hiikuun caalaatti kan ibsuufi waa'ee itti fayyadamaa noottii kan irratti hubannoo hawasaaf kan kennuu yoo ta'uu kan ammaan kanaNoottii Birrii irraatti barreeffame hin fudhatiinaa jedhame oduun tamsaa’a jiru odeeffannoo dogoggoraa ta’uu, ni beeksisna. jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015