Duudhaaleen waloomaa keessan ititaa, akeekni keessan ifa, hawwiin keessan qulqulluu, galmi keessan badhaadhina waan ta’eef Uumaatu isin utuba –obbo Shimallis Abdiisaa

119

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (TOI) – Ergaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Kabaja Ayyaana Dhaloota Yesuus Kiristoos Sababeeffachuun Dabarsan.

Kabajamtoota hordoftoota amantaa Kiristaanaa naannoofi biyya keenyaa

Kabajamaa ummata biyya keenyaa

Duraan dursee baga ayyaana dhaloota Yesuus Kiristoos kan bara 2013 nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun fedha.

Kitaaba amantaa macaafa Qulqulluu keessatti dhaloonni Yesuus Kiristoos dursee kan raagameefi waggoottan 700n booda kan raawwatame ta’uu beektonni amantii Kiristaanaa ni dubbatu. Yesuus Kiristoos abaarsa cabsuufi namaafi Uumaa gidduutti araara buusuuf kan dhalate akka ta’etu amanama.

Dhalatee foon uffachuun booda akkuma dhala namaatti guddatee gidiraa hunda baachuuf akka ga’eefi wareegamaan gatii dhalootaa akka kanfaletu seeneffama.

Kitaaba Qulqulluu keessatti warri Sabaa Sagal Urjiiwwan gara Kallattii Bahaatti agarsiisan ilaalaa, bakka Yesuus Kiristoos itti dhalate argachuuf wayita imalan, kennaa gosa adda addaa qabatanii daandii dheeraa deemanii akka milkaa’an ibsa. Ixaana, Warqeefi Qumbii qabatanii, gara biyya Yihuudaa, magaalaa Beetaliyeemitti kan imalan Sabaa Sagaloonni, Yesuus Kiristoosiin bakka qananiitti osoo hin taane, Dallaa Loonii keessatti akka argatanitu himama.

Gurra dursee mootiin akka dhalatuuf raagamuusaa dhaga’eef dallaa Loonii keessatti ta’a jedhanii eeguun rakkisaa dha. Sababni kennaawwan gati-jabeeyyiin itti yaadamee Sabaa sagalootaan qophaa’eefis, mootiin Yihuudaa akka dhalatu waan dhagahameef ture.

Haa ta’u malee, mootiin ni dhalata jedhame kun namaafi Uumaa sababa cubbuutiin addaan bahan walitti araarsuu, qananii caalaa gadi of deebisuu, bakka jibbaa jaalala, bakka abaarsaa eebba, bakka wal dhabdee waliigaltee, bakka diigumsaa tokkummaa, bakka afaan wal darbuu wal-ta’uu buusuuf jecha dura buutuu ykn fakkeenya ta’uuf kan murteessee dha.

Seenessa kitaaba amantaa guddicha Kitaaba Qulqulluu kanatti hayyoonni hoggansaa hedduun itti fayyadamu. Akka mallattoo of kennuufi wareegamaa geggeessaan sadarkaa hawaasaa hundatti jiru fudhachuu qabuuttu barsiisu. Nuti warri har’a ayyaana ifaafi mallattoo fakkeenyummaa guddaa kana yaadannuufi kabajannu barnoota dachaa argachuu qabna.

Ofitummaa caalaa waliif na’uu, haxxummaafi mala badii balfuun wal jaalalaafi obbolummaan jiraachuu, rakkoo keessatti waliif dirmachuufi wal bira dhaabbachuu, walitti inaafuu caalaa waliif tumsuu, kan rakkate gargaaruufi kan dhabe sooruu qabna.

Akkuma barsiisaafi duudhaa amantaa Kiristaanaa keessatti irra deddeebiin lallabamu sana, jibba balfuun jaalala filachuun, nagaafi araara buusuun, kan beela’e nyaachisuun, kan daare uwwisuun, kan gadde jajjabeessuufi kan rakkateef qaqqabuun aadaa ummata keenyaa cimee ba’uu qabuu dha. Duudhaan ummatummaa gabbifanne utubaa cimaa ijaarsa biyyaafi ummata keenyaati. Isatti dagalfannee, humna cimsannee, jabaannee yoo hojjenne malee badhaadhina akka salphaatti milkeessuu hin dandeenyu.

Waaroo mararoo hiyyummaa fi boodatti hafummaa yeroo gabaabaa keessatti ofirraa baasuudhaan, kafana kabajaafi simboo badhaadhinaa uffachuudhaaf duudhaalee amantaafi ummataa gara ifaafi guddinaatti nu ceesisan barsiisuu, dhaloota qabsiisuufi ittiin hojjennee milkaa’uutu nurraa eegama.
Kanaafuu, abboottan amantaafi hordoftoonni amantaa Kiristaanaa har’a ayyaana guddaa kana kabajachaa jirtan, ergama addaa akka dhalootaatti qabdan kana akka yaadattaniifi gahee keessan bahattan dhaamuun fedha.

Kanuma faana, ummanni biyya keenyaa garaagartummaafi heddummina qabdan akka miidhaginaatti fudhattanii, Itoophiyaa waliin ijaaruuf murteessitanii, ifa badhaadhinaa duratti ilaalaa imala dheeraa eegaltan injifannoon akka xumurtan shakkii hin qabu.

Duudhaaleen waloomaa keessan ititaa, akeekni keessan ifa, hawwiin keessan qulqulluu, galmi keessan badhaadhina waan ta’eef Uumaatu isin utuba. Kanaafuu, carraa kanatti fayyadamee irra deebiin baga ifa dhaloota Yesuus Kiristoos kan bara 2013 geessan yammuun jedhu gammachuu guddaatu natti dhagahama.

Bara darberraa eegalee weerara idil-addunyaawaa dhibee Koronaa(COVID-19)tiin qoramaa akka jirru beekamaa dha. Dhibeen kun yeroo ammaa biyyoota addunyaa adda addaa keessatti haalaafi amala haaraadhaan ka’ee miidhaa geessisaa jira. Biyya keenyattis ogeeyyiin fayyaa hammeenyummaa gaaga’ama dhibeen kun geessisaa jiruurratti iyyanii iyya dabarsaa jiru.

Warra jirutu wal argee gammadee ayyaana kabajata; cidha qopheeffata; dhangaas waliin soorata. Carraa kanatti fayyadamee, sababa dabaluu lakkoofsa dhibamtootaafi humna yaaluu biyya keenyaatiin, yeroo ammaa qormaata guddaa keessa akka jirru hubachiisuun fedha.

Kanaafuu, ayyaana kanarrattis ta’e, jiruufi jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti, of eeggannoo dhibee Koronaa ilaalchisee gorsa ogeeyyiin fayyaa nuuf dabarsan hojiirra oolchuun jaalala waliif, maatiif, firaafi biyyaaf qabnu akka mirkaneessinun dhaama.

Ayyaana nagaa, kan gammachuufi badhaadhinaa Isiniif Yaa ta’u!

Shimallis Abdiisaa

Preezdaantii Mootummaa Naannoo oromiyaa

Muddee 2013

Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015