Bulchiinsi naannoo Hararii hordooftoota amantaa Kiristiyaanaa maraan ergaa baga nagaan Ayyaana Qillee geessaanii dabarseera.

68

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (TOI) –Bulchiinsi naannoo Hararii hordooftoota amantaa Kiristiyaanaa maraan ergaa baga nagaan Ayyaana Qillee geessaanii dabarseera.

Bulchiinsi naannoo Hararii ayyaanichi tokkummaa biyyaalessaa kan cimsuu, misoomaa fi angeenya naannichaa cimsuun kabajamuu akka qabu beeksiseera.

Hawaasni wayita ayyaanicha kabaju ittisa vaayrasii koroonaa hojiirra oolchuun ta’uu akka qabu eereera.

Hariiroo waliin jireenyaa baroota hedduu lakkoofsise cimsuun jirattoota naannichaa hundarraa kan barbaachisu ta’uun, ayyanacha wayita kabajan kan rakkate qarqaaruu aadaa baratamaa dhufe hojiirra oolchuun kabajamuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015