Yuunivarsitiin Bulee Horaa barattoota mummee Teknooloojii Meedikaal Raadiyoolojii sagantaa digirii lammaffaan barsiisuu har’a jalqabsise.

64

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (TOI) – Yuunivarsitiin Bulee Horaa barattoota mummee Teknooloojii Meedikaal Raadiyoolojii sagantaa digirii lammaffaan barsiisuu har’a jalqabsise.

Yuunivarsitiichi muummee Teeknooloojii Meediikaal Raadiyooloojistitin digirii lammaffaa barsisuutiin yuunivarsitoota biyya keenyarraa isa jalqabaa akka tahee fi yeroo jalqabaaf sagantaa kanaan barattoota 10 simatee kan barsisuu yogguu ta’u 10 keessa 2 shammarran akka tahe yuunivarsitii Bulee Horaatti Diiniin Koolleejjii Fayyaa obbo Taakkalaa Uturaa himaniru.

Baniinsa sagantaa kanarratti argamuudhaan haasaa kan taasisan preezdaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dooktar Caalaa Waataa, yuunivarsitiin isaanii kana duras yuunivarsitoota biyya keenyaa biroof fakkeenya kan tahu barnoota Gadaa sagantaa digirii sadafaatiin (PHD)tiin barsiisuu jalqabe.

Ammas barnoota sagantaa digirii lammaffaatiin yuunivarsitoota biroo keessatti hin kennamnne jalqabuudhaan rakkoo damee fayyaatiin jiru furuuf yaaduudhaan sagantichaa jalqabne jedhan.Gara fulduuraatiif immoo hanga digirii sadaffaa barsiisuuf yaada akka qaban himaniru.

Biiroo Eegumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa bakka bu'uudhaan kan argaman daareektara humna namaa Obbo Caalaa Daamanaa,sagantaan kun jalqabamuunsaa rakkoo fayyaa furuu keessatti gahee guddaa taphata.Kanaaf akka biirootti deeggarsa nurraa barbaachisu ni taasifna jedhaniru.

Sagantaa kanarratti Waldaa raadiyoografer fi teeknooloojiistii raadiyooloojii Itiyoophiyaa argamaniru.Preezdaantii waldichaa obbo Yunuus Mollaa,waggoota 11f sagantaan kun akka jalqabamu yaalaa turre.Hanga ammaa ogeessa digrii lammaffaatiin hin jiru ture.

Amma garuu yuunivarsitiin Bulee Horaa jalqabusaatti seenaan jijjiirameera waan taheef hedduu gammadnneerra jedhaniru jechuun FBC gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015