Dhibeewwan Beeyiladootarraa gara namaatti daddarban ittisuuf leenjiin ogeeyyiif kenname.

116

Finfinnee,Mudde 26/2013(TOI)-Dhibeewwan Beeyiladootarraa gara namaatti daddarban ittisuuf leenjiin ogeeyyiif kenname.

Dhibeewwan Beeyiladootarraa gara namaatti daddarban ittisuufi to’achuuf akkasumas leenjiin leenjistootaa dhimma qulqullummaa nyaataarratti xiyyeeffatu ogeeyyii fayyaa beeyiladootaa naannoolee horsisee bultootarraa walittii dhufaaniif kennameera.

Akka ragaan tokko tokkoo agarsisanittii Itoophiyaatti baay'inaan dhibeewwan beeyiladootarraa gara namaatti daddarban 5 yoo ta’aan, isaanis Dhukkuba Saree maraattuu,Abbaa sangaa,Utaalloo allaattiiwwani,Burjaafi dhibeewwan gammojjiiti.

Ministeerri Qonnaa damee misooma qabeenya qurxummiifi beeyiladootan jijjirama fiduuf karoora waggaa 10 baasen dhibee beeyiladoota ittisuufi to’achuun cinaatti dhibeewwan kana balleessuf xiyyeeffannan hojjachaa jira.

karoorri kenninsa tajaajila talaalli bara 2012 harka 89.5 ture irraa bara 2022tti gara %95tti ol guddisuuf hojjatamaa jirus kanuma agarsisa.

Ministeera Qonnaatti daayirektarri daayirooktireeti veeternarii yaala fayyaa waliigalaa damee misooma qabeenya qurxummiifi beeyiladootaa Dr.Masarat Baqqalaa dhibeewwan beeyiladoota kunneen yeroo hedduu mudachuun diinagdee biyyattirratti miidhaa guddaa qaqqabsisuu jedhan.

Akka Lakkoofsa Awuurooppaa bara 2030tti dhibeewwan kanneen balleessuf tarsimoon qopha’ee xiyyeeffannan hojjatamaa jira jedhan. Leenjitoonni kunneen iddoo dhufanitti yoo deebi’anis ogeeyyii fayyaa beeyiladootaa, aanaafi gandarraa jiran akka leenjisan hubachisaniiru.

Dhibee beeyiladoota kanas yeroo qabameetti balleessuf qamni dhimmii ilaallatuu hunduu gaheesaa akka bahaatuf eergaa dabarsaniiru.

Ministeera Qonnaarraa odeeffanne

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015