Qophiin talaallii vayirasii koronaa galchuuf godhamaa jiru akkauma xumuurameen talaallicha kennuu ni jalqabna-ministeera fayyaa - ENA Afaan Oromoo
Qophiin talaallii vayirasii koronaa galchuuf godhamaa jiru akkauma xumuurameen talaallicha kennuu ni jalqabna-ministeera fayyaa
Finfinnee Muddee 24/2013(TOI)- qophiin laboraatoorii talaallii vaayirasii koronaa galchuuf godhamu yoo xumuurame lammiilee biyyattii harka 20 ta'aniif talaallichi akka kennamu deetaan ministeera fayyaa aadde Sahaara Abdulah ibsan.
Talaallichan ogeeyi fayyaa fi lammiileen daangaa biyyaa kabachiisan dursa argatu jedhame.
Biyyoonni adunyaa fala vaayirasii kanaaf qorannoo sayinsaawaa taasisaa kan jiran yoo ta'u talaallii akka filannoo tokkootti fudhachun lammiilee isaanif kennu eegalanii jiru.
Akka ibsa kanaatti itoophiyaan adeemsa sayinsawaa hordofuun talaallicha galchuuf qophaahaa turte.
Haaluma kanaan laboraatooriin yaalii talaallichaa biyya keessa galuun suphawa jira.
Talaallichi biyya keessa galuun dura sakatta'iinsa laboraatoorii erga darbee lammiileef akka walgahu godhama.
Itoophiyaan miseensa boordii dhaabbanni fayyaa adunyaa hogganu dhaabbata deeggarsa talaallii CoVKS ta'uun ishee deeggarsa lammiilee talalchisuuf gargaaru akka argattu taasisa jedhan.
Biyyattiin talaallii biyya keessa galchuuf karorfatte harka 20 bittaa fi deeggartoota irraa kan argamu ilalcha keessa galchuun ,hanqina maallaqaa furuuf dhaabbileen degatrootaa waadaa galan jiraachuu aadde Saharallaan ibsanii jiru.