Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraataan qorichootaa fi galteewwan yaala fayyaa doolaara miiliyona 7.7 baasuu deeggarsa taasiisan - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraataan qorichootaa fi galteewwan yaala fayyaa doolaara miiliyona 7.7 baasuu deeggarsa taasiisan
59
Finfinnee, Muddee 23, 2013 (TOI) - Ityoophiyaanoonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan qorichootaa fi galteewwan yaala fayyaa yaallamtoota tasaaf tajajilu Doolaara miilyoona 7.7 baasuu deeggarsa taasiisaniiru.
Miiniisootaatti waamicha waajjirri Qoonsilaa Ityoophiyaa taasiiseen abbaan qabeenyaa Meedikaal Eksipreesi obbo Iyyu'eel Yooseef dhaabbata Daayreekt Riiliif Intarnaashinaal jedhamu waliin ta'uun qorichootaa fi galteewwan yaalaa baasii isaaniin daandii qilleensa Ityoophiyaan imalchiisuun Roobii dhufu Finfinnee kan ga'u ta'uu ibsameera.
Deeggarsa taasiisaniif Ambaasaaddar Abdullaaziiz Mahaammad galateeffachuu ragaan Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni muul'isa