Damee albuudaafi boba’aa humna nama barateen gurmeessuuf Giddugalli Misooma Albuuda Itoophiyaa Yunivarsitii Finfinneetti manni barumsaa Injinariingii hundaa’eera.

74

Finfinnee, Mudde.23/2013(TOI)-Damee albuudaafi boba’aa humna nama barateen gurmeessuuf Giddugalli Misooma Albuuda Itoophiyaa Yunivarsitii Finfinneetti manni barumsaa Injinariingii hundaa’eera.

Karoorichi riifoormii dinagdee biyya keessaatiin deeggaramee waggoota 10f kan hojiirra oolu ta’a jedhameera.

Baasiin adeemsa baruu barsiisuuf kan oolu guutummaatti Ministeera Albuudaafi Boba’aatiin kan uwwifamu ta’a.

Daarektarri gidduugalicha gaggeessu Yunivarsitii Finfinneetiin kan ramadame yoo ta’u, boordiin hoggantootaa waliigala kan gaggeeffamu ammoo ministeerichaan ta’a jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015