Naannoo Oromiyaatti biqiltuwwan biiliyoonni 4 ol ganna dhufu dhaabbi qopha’aa jiru

555

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (TOI)- Ganna dhufu biqiltuwwan biiliyoonni 4 ol dhaabbiif qopha’aa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenyaa Uumamaa beeksise.

Biirichatti daayreektarri kunuunsa bosonaa fi misoomaa obbo Silashii Lammaa, naannichaatti biqiltuwwan biiliyoonni 4.1 dhaabbiif qopha’uu himaniiru.

Biqiltuwwan qopha’aa jiran sanyiiwwan nyaataaf oolanii fi gosota bargamoo ta’uu himaniiru.Biqiltuwwan qopha’aan qabeenya biyyaa keessaa dabalatee kuduraa fi muduraa, nyaata beelladootaaf kan oolan ta’u eeraniiru.

Biqiltuwwan dhaabbiif qopha’aan keessaa hanga ammatti %74 saanyiwwan biqiltuu baayyisu raawwatamus himaniiru.Biqiltuwwan qopha’anis lafa heektara miiliyoona 1.7 uuwwisu danda’u jedhameera.

Qophii biqiltuuwwan kanaan lammiilee kuma 58 carraan hojii umaamu himaniiru.Galii Birrii miiliyoona 1 fi miiliyoona 72 ol argachuus himaniiru jechuun FBC gabaasera.