Jiddugalli Qindeessaa Yeroo Ariifachiisaa tarkaanfii seera kabachiisuu Kaaba biyyattiitti fudhatameen dhiibbaa hawaasummaafi namoomaa muudateef deebii hatattamaa kennuuf walgahii dhaabbii geggeesse. - ENA Afaan Oromoo
Jiddugalli Qindeessaa Yeroo Ariifachiisaa tarkaanfii seera kabachiisuu Kaaba biyyattiitti fudhatameen dhiibbaa hawaasummaafi namoomaa muudateef deebii hatattamaa kennuuf walgahii dhaabbii geggeesse.
Finfinnee Mudde 22/2013(TOI) - Jiddugalli Qindeessaa Yeroo Ariifachiisaa tarkaanfii seera kabachiisuu Kaaba biyyattiitti fudhatameen dhiibbaa hawaasummaafi namoomaa muudateef deebii hatattamaa kennuuf akkasumas naannawa miidhaan irra gahe deebiisanii ijaaruuf walgahii dhaabbii isaa Muddee 21 bara 2013 taasiseera.
Korichi yeroo dhiyoo Godina Matakkaalitti kan hundaa’e gabaasa raawwi hojii Jiddugalli Qindeessaa Yeroo Ariifachiisaa naannichaa raawwate fudhatee ilaaleera.
Jilli Ministira Ministeera Nageenyaan durfamu garee hooggantootaafi ogeeyyii dabalatee bakkichaatti argamuun adeemsa hundeeffama Jiddugala Qindeessaa Yeroo Ariifachiisaa, akkaataa dhaqabiinsa deeggarsa namoomaafi haala nageenya ilaalchisuun Deetaan Ministira Ministeera Nageenyaa adde Firee’alaam Shibaabawu gabaasa callaa dhiyeessaniiru.
Gabaasoota dhiyaaterratti korichi marii bal’aa erga irratti taasisee booda, walittiqabduu korichaa kan ta’an Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariiyaat Kaamil hojiilee gara fuulduraa hojjetamuu qabanirratti kallatti kaa’aniiru. Ministeera Nageenyaarra odeeffannee.