Piroojektiin Daandii Daayyee- Cirrii-Nansaboo kiiloomeetira 74 sadarkaa koonkiriiti Asfaaltiin hojjatamaa jira

58

Finfinne Mudde 22/2013(TOI) - Piroojektiin Daandii Daayyee- Cirrii-Nansaboo kiiloomeetira 74 sadarkaa koonkiriiti Asfaaltiin hojjatamaa jira.

Raawwii piroojektichan ammatti hojiin uwwisa koonkiriitii Asfaaltii KM 17 raawwatameera.

Kutaawwan piroojektichaa hafanis Asfaltiin hojjatamaa jira. Naannoo Oromiyaafi Sidaamaa kan walitti fidu daandiin kun fulduratti kutaawwan hafan Asfaltii gochuuf ammatti hojiin lafa qopheessuufi cirracha daakuu hojjatamaa jira.

Piroojektiin daandii kun baajata mootummaan ramadame Birrii biiliyoona 1.68'n hojjatamaa jira.

Piroojektichi yoo xumurame fulduratti daandii guddaa hawaasarran gara Mooyalee deemu daandii Shaashamannerra gara Gobbaatti geessuu waliin wal qunnamsisa.

Abbaa Taayita Daandiwwan Itiyoophiyaarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015