Caffeen Oromiyaa labsii waldaalee hojii gamtaa raggaase

1235

Adaamaa Guraandhala 20/2011 Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa labsii naannichatti waldaalee hojii gamtaa ciccimoo fi dorgomaa ta’an  uumuu dandeessisu raggaase.

Caffeen yaa’ii idilee 9ffaa kaleessaa jalqabe har’as kan itti fufe yoo ta’u, wixinee labsii Oromiyaatti waldaalee hojii gamtaa  babal’isuuf dandeessisa jedhamee dhihaaterratti mari’achuudhaan  labsichi hojiirra akka oolu raggaasiseera.

Tarkaanfiiwwan jijjiiramaa akka biyyaattis ta’e akka naannootti fudhatamaa jiran damee dinagdeetiin deeggaruun akka danda’amu barbaachisummaa waldaalee hojii gamtaa bifa haaraatiin hundeessuurratti caffeen bal’inaan mari’ateera.

Labsiin hundeessa waldaalee hojii gamaa sadarkaa federaalaa qofaatti ture naannoleen sochii dinagdee irra ga’an bulchuu fi itti fufsiisuuf ga’aa ta’ee waan hin argamneef naannichi dame kanaan labsii mataasaa baasuun isa barbaachiseera jedhameera.

Caffee Oromiyaatti koreen dhaabbii dhimma misooma baadiyyaa fi dhimma bulchiinsaa fi seeraa labsicharratti erga mari’atee booda akka ragga’u Caffeef dhihaateera.

Sosochii misooma dinagdee naannichatti labsame dhugoomsuuf qonnaan bulaa fi horsiisaan bulaan gabaa biyya keessaafi idil addunyaatti dorgomaa ta’uu qabu, kanaaf ammoo waldaaleen hojii gamtaa cimoon faayidaa olaanaa akka qaban eerameera.

Caffen wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda labsii hundeessa waldaalee hojii gamtaa lakkoofsa 218/2011 ta’ee akka ragga’u murtaa’eera.

Muuxannoon biyyoota industiriin badhaadhanii kanneen akka Jarmanii fi Jaappaan akka agarsiisutti, bu’urri badhaadhinasaanii waldaalee hojii gamtaa ta’uusaa ragaaleen ni agarsiisu.

Yaa'iin idilee 9ffaa Caffeen Oromiyaa muudama abbootii seera raggasisuudhaan xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015