Misoomni bu'uura ICT birri miiliyoona 280 ijaarame eebbifamera.

59

FINFINNEE, Mudde 21/2013 (TOI) Misoomni bu'uura Tekinolojii Infoormeshinii fi Odeeffannoo(ICT) birri miiliyoona 280 ijaarame eebbifamera.

Bu'uurri misoomaa kun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Carqoos, Araadaa fi Kolfeetti kan jiramedha.

Itaantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aaddee Adaanech Abeebee fi hoggantoonni biroon Kutaa magaala Cirqoositti bu'uura misooma ICT ijaarame kana dawwataniru

Bu'uurri misooma ICT kun kan ijaarame kara Ejensii Saayinsi fi tekinoolojii Finfinneen kan ijramee yoo ta'uu Kutalee magaala kana karaa teekinolojiin walitti hidhuun tajaajilli kennan si'ataa akka ta'u kan taasisudha jedhamera.

Kanaan dura kutaalee magaalaa Finfinnee kanneen birootti bu'uurri misooma ICT 5 hojiin isaa xummuramee eebbifamuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015