Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Tigiraay dhimmoota ijoo naannichaarratti Miidiyaaleef ibsa kenneera

63

Finfinne Mudde 20/ 2012(TOI) – Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Tigiraay dhimmoota ijoo naannichaarratti Miidiyaaleef ibsa kenneera.

Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Tigiraay guyyaa har’aa dhimmoota ijoo naannichaa sadirraatti Miidiyaaleef ibsa kenneera.

Haaluma kanaan dhimmoonni ijoon ibsichi irratti kennames;Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Tigiraay karaa ifa ta’een waajjira naannichatti banatee hojii eegaluusaa Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Naannoo Tigiraay Obbo Nabiyyuu Sihuul ibsa Miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Obbo Nabiyyuun keessattuu ibsa kennaniin akka jedhanitti, TPLF Naannoo kana keessatti waggoota hedduuf paartileen karaa diimokiraatawaafi bilisa ta’een akka hinsochoone gufuu itti ta’aa turuu kaasanii, hojimaata badaa TPLF raawwachaa ture Paartiin Badhaadhinaa Naannichaa sirreessuun, paartileen naannicha keessa socha’an hundinuu bilisummaan akka sochan ni taasifamas jedhaniiru.

Kana malees paartileen kunneen gufuu tokko malee waajjiraalee mataasaanii akka banatanis ni jajjabeessina jedhaniiru.

Dabalataanis Paartichi haala qabatamaa Naannoon Tigiraay yeroo amma keessa jirtuun walqabatee ibsa kenneen akka jedhetti, TPLF ibida ofii qabsiiseen baduu ibsee; naannicha keessatti gama hundaan waan abdii namatti horu uumameeras jedheera.

Naannicha deebsanii ijaaruuf tumsi hawaasaa barbaachisaa ta’uus Paartichi waamicha dhiyeesseera.

Dhummarrattis paartichi ibsa isaan akka akeekeetti; tokkummaa biyyaa ijaaruufi Sirna federaalaazimii dhugaa ummata hunda qixa fayyadamaa taasisu ijaaruurratti paartichi ijannoofi kutannoon kan hojjetu ta’uu Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Naannichaa Obbo Nabiyyuun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015