Ministeerri Daldalaafi Indaastirii abbootii qabeenya naannoo Tigraayitti oomishaa Indaastiri irratti hojjechaa jiran waliin marii taa’uun himame.

58

Finfinnee, Mudde 16,2013(TOI)-Ministeerri Daldalaafi Indaastirii abbootii qabeenya naannoo Tigraayitti oomishaa Indaastiri irratti hojjechaa jiran waliin marii taa’uun himame.

Deetaan Minstira damee Keemikaalaa,Sibilaafi Konistiraakshinii obbo Yohaaniis Dinqaayyoo dameen oomishaa indaastirii guddinaa diinaagdee biyyaaf,carraa hojii uumuu,qoodinsaa hawaasummaafi siyaasa keessatti gahe guddaa qaba jedhan.

Mootummaan oomishaa damee Indaastirii sababa olaantummaa seeraa kabachiisuuf addaan cite ture gara hojiitti galchuuf hojjeetamaa jiras jedhaniiru.

Ministeera Daldalaafi Indaastiriirraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015