Naannoo Oromiyaatti Barattoonni miiliyoona 10 fi kuma 600 barnoota eegaluusaanii, Biiroo Barnoota Oromiyaa beeksise.

161

Finfinnee, Mudde 16,2013(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Barattoonni miiliyoona 10 fi kuma 600 barnoota eegaluusaanii, Biiroo Barnoota Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo akka jedhanitti,Barattoonni miliyoona 10 fi kuma 600 sababa dhibee Covid-19'n manatti deebi’anii turan yeroo ammaa barnoota eegalaniiru.

Yeroo ammaa kanatti barnoonni marsaa jalqabaa kan kutaa 8ffaa jalqabamee ture ammatti barattoonni hundi gara barnootatti deebi’anii haala gaariin barachaa jiraachuu, Dr Tolaan dubbataniiru.

Yeroo ammaa barattoonni dhibeef akka hin saaxilamneef haguuggii fuulaa fi Afaanii miliyoona 20 dhiyeessuuf karoorfame yeroo ammaatti miiliyoonaa 7 raabsamaa jiraachuu himaniiru.

Haala baruu fi barsiisuu si’ataa,bu’a qabeessaa fi qulqullina isaa eeggate keennuuf barsiisota kuma 200 fi kuma 30 wajjiin mari'atameeras jedhan.

Hojii barnootaa bara kanaaf daree dabalataa kuma 30 hojjetamuusaa Dr.Tolaan dubbataniiru.

Biiroon barnoota Oromiyaa barattoota sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa irratti xiyyeefannoo olaanaa kennuun hojjeetamaa jiraachuun himameera. Qoruumsi kutaa 8ffaa sororfamee gara xumuraa irra kan jiruu fi yeroo dhiyootti kan ifoomu ta’uu Dr Tolaan himaniiru. Maatiin barattootaa,Barsiisonni, barattootaa fi caasaaleen sadarkaan jiran fayyummaan barattootaa karaa eegameen barnnoonni bara kanaa qulqulinaan yeroo qabameefitti akka xumuramuuf gahee ofii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Madda:-BDHKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015