Balaa Ibiddaa tibba darbe magaalaa Sooddoo Gabaa Markaatorra qaqqabeen qabeenyi Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu barbadaa’uu ibsameera.

59

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (TOI) – Balaa Ibiddaa tibba darbe magaalaa Sooddoo Gabaa Markaatorra qaqqabeen qabeenyi Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu barbadaa’uu ibsameera.

Itti aanaan Pireezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw kutaa hawaasa balichaan miidhaman waliin marii taasiisaaniiru.

Giddugala gabichaatti miidhaa qaqqabeen qabeenyi Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoonni 57 fi kuma dhibba 6 fi kuma 70tti tilmaamamu barbadaa’uu ibsameera.

Kutaan hawaasaa kumni 5 fi 378 qabeenya isaanii dhabaniiru.Hawaasa miidhaan irra qaqqabe deebisee dhaabuuf mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu itti aanaan Pireezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa Biirrii miiliyoona 10 deeggarsa taasisuus dubbataniiru.

Hawaasni miidhaan irra qaqqabes deeggarsi barbaachisu akka taasiifamuf gaafachuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015