Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa Sooftiweerii dijitaalaa qulqullina bunaaf gahee gumaachu eebbise.

162

Finfinnee,Muddee 16/2013(TOI)-Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa Sooftiweerii dijitaalaa qulqullina bunaaf gahee gumaachu eebbise.

Sirnicha irrati Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen fi hogantoonni ol'aannoo damee kanaa argamaniiru.

Rakkoo oomishaa bunaa irra eegalee hanga ala erguutti jiru furuu keessatti sooftweeriin kun ga'ee olaanna qaba kan jedhan minstirri qonnaa obbo Umar Huseen iddoo oomishaa hanga keellaatti, akkasumaas sanaan boodas sooftweerii kana deeggaramuun too'achuuf kan gargaaruu Aabbaa Taayitichaafis taabileetiin 100 kennamu himan.

Daarektarri olaannaan Abbaa Taayitaa Bunaafi shaayii Dr. Addunyaa Dabalaa sirni sooftweerii haarawaa kun rakkoo kanaan dura ture hiiku irra darbe, daldalaan buna kamuu sirna kan keessa gale buna hangam, yoomiifi eessatti ergu akka barbaadu galmaa'uu ni danda'a jedhan.

Kana malees, sirna odeefannoo dhugaa tahe argachuuf gargaara jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015