"Iddoowwan hawata turistii beeksisuu barbaachisa"-Obbo Shimallis Abdiisaa

128

Finfinnee Muddee 15/2013(TOI)-Oromiyaan qabeenya uumamaatiin qabdu osoo itti hinfayyadamaniifi addunyaatti hinbeeksisiin badhaatummaashee qofaa ibsuun gahaa akka hintaane Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Obbo Shimallis waltajjii marii Komishiniin Turizimii Oromiyaa qooda fudhattoota waliin adeemsisaa jirurratti haasaa taasisaniin Oromiyaan hawata turizimiif mijattuu taatus hanga barbaadamuun itti fayyadamaa akka hinturre dubbataniiru.

Kanaaf abbootiin qabeenyaafi dhimmamtootni hundinuu iddoowwan hawata turizimii naannichaa misoomsuufi guddisuun addunyaatti beeksisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaanis xiyyeeffannootiin kan hojjetu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015