Naannoo Tigiraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii mootummaan Itiyoophiyaa fudhate deeggarsa Ummannii fi Mootummaan Sudaan taasisan nigalateeffanna-Obbo Dammaqaa Mokonnin

75

Finfinnee Mudde 13/2013(TOI) -Ministira Muummee Itti aanaan fi Ministirri Dhimma Alaa, Obbo Daammaqaa Mokonnoon Naannoo Tigiraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii mootummaan Itiyoophiyaa fudhate deeggarsa Ummannii fi Mootummaan Sudaan taasisan galateeffatan.

Mootummaan Itiyoophiyaa Naannoo Tigiraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii fudhateef deeggarsa Ummannii fi Mootummaan Sudaan taasisan Obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

Naannoo Tigiraayitti olantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii Mootummaan Itiyoophiyaa fudhate milkaa’inaan xumuramuu kan ibsan, Obbo Daammaqaan, wayita ammaa naannicha keessatti nageenyii fi tasggabbiin bu'eera jedhan.

Naannoo Tigiraayitti bulchiinsi yeroo hundeeffamuun hawaasicha waliin mariin taa'amaa akka jiruu fi tajaajillu misooma bu'uuraa kennamaa jiras jedhan.

Obbo Dammaqaan Sudaan tarree biyyoota shororkeessitootaa deeggaran jedhaman keessaa ba'uusheen Ummataa fi Mootummaa Sudaaniin ergaa baga gammaddanii dabarsaniiruuf.

Mariin siyaasaa sadarkaa olaanaa dhimmoota daangaa Itiyoo-Sudaan 2ffaa Sudaan Kaartuumitti eegalamerratti Ministirri Muummee Itti Aanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon argamuun dubbii kana kan dubbatan ragan Ministeera Dhimma Alarraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015