Ajajaa ogeessan ala fuullee ijaa godhachuun dhukkuba ijaa namatti jabeessu waan danda’uuf uummaanni irraa ofeegu qaba jedhan ogeeyyiin fayyaa.

213

Finfinnee, Mudde 13/2013(TOI)-Ajajaa ogeessan ala fuullee ijaa godhachuun dhukkuba ijaa namatti jabeessu waan danda’uuf uummaanni irraa ofeegu qaba jedhan ogeeyyiin fayyaa.

Fuullee ijaa sadarkaa isaa hineegne, akkasumas ajajaa ogeessaan alaatti callisanii fuullee ijaa godhachuun rakkoowwan akka  ijji kallabsaa’uu, iji sirritti akka hin agarree gochuu, dhukkubbii mataa, maraamartoo fi rakkoowwan fayyaa biroof  nama saaxiluu akka danda’uu ogeeyyoonni yaala ijaa himaniru

Namoonni rakkoo ijaa qaban sirriitti rakkoo isaanii ogeessa fayyaatti himachuun rakkoo isaaniif furmaata kan ta’u  fuullee ijaa ogeessaan ajajame godhachuu qabus jedhaniru.

Yeroo ammaa rakkoo fayyaa hawaasa bal’inaan miidhaa jiran keessaa dhibeen ijaa  isaa tokkodha. Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala  Milineemii Phaawuloositti barsiisaa kan ta’aan gargaaraan piroofesara Darajjee Hayiluu akka jedhanitti rakkoon fayya ijaa mudatu harka caalaan  yaalan kan fayyufi fuullee ijaa ogeessan kennameen sirraa’uu kan danda’udha.

Akka isaan jedhanitti awwara, akkasumas aduu ofiirra ittisuuf jecha fuullee ija ogeessan hin kennamnee fayyadamuun bu’aa isaarra miidhaa isaatu caalas jedhaniru

Rakkoon ijaa salphaatti fayyuu danda’uu sabaabaa callisanii fuullee ogeessaan hin ajajamnee kawwachuun rakkoo hin fayyineef saaxilamuuf carraa bana jedhanirusi.

Gargaraan Piroofesara Darajjee Hayiluu akka jedhanitti Fuulleen ijaa qorichadha. Namni callisee akkuma meeshaalee bu’uura kam iyyuu  bakka argee bitee godhachuu hin qabu. Fuulle ijaa ogeessaan hin ajajaamne godhachuun ofiin akka of jaamsuutti ilaalamas jedhaniru.

Koolleejjii Meedikaalaa Miliniyeem phaawuloostti kutaa barnoota fayyaa Ijattii qindeessituu yaala kan ta’aan aadde Itsagannatti Biraanee akka jedhaniitti  hawaasni fayya ija isaa halaan eeggachuu qaba jedhaniru.

Keessayyu teekinolojiwwan akka mooba’ilii fi kompuutara irra yeroo dheeraa turuu irraa of-eeguun barbaachisadha jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015