Lammiileen Ityoophiyaa % 94 talaallii Covid -19 fedhachuuf fedhii qabu – Giddugala Ittisaa fi Too’annoo dhibee Afrikaa

49

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (TOI) -Nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan isaa yoo mirkanaa’ee lammiileen Itoophiyaa % 94 talaallii Covid -19 fedhachuuf fedhii qabaachuu Giddugalli Ittisaa fi Too’annoo dhibee Afrikaa beeksise.

Giddugalli Ittisaa fi Too’annoo dhibee Afrikaa (CDC) fi Manni Barumsaa Qulqullinaa fi Tiroopikaalii Landan talaalliin dhibee Covid -19 nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan isaa yoo mirkanaa’e Afrikaatti deebiin ummataa maal akka ta’uu danda’u ilaalchisee qorannoo gaggeessaniiru.

Akka qorannoo kanaatti nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan talaallichaa yoo mirkanaa’e % 79 fudhachuuf fedhii qabaachuu eerrameera.Qorannoo Hagayyaa hanga Muddeetti Itoophiyaa, Burkiinaafaasoo, Kootdivaar, Ripaablika Demookiraatawaa Koongoo, Gaaboon, Keeniyaa, Maalaawwii, Moorookoo, Niijeer, Naayijeeriyaa, Seeneegaal, Afrikaa Kibbaa, Sudaan, Tuniiziiyaa, fi Ugaandaatti gaggeeffameerratti namoonni kumni 15 hirmaataniiru.

Akka bu’aa qorannichaatti talaallicha fudhachuurratti biyyaa biyyatti gagaaraagarummaan jiraachuu fi biyyoota Afrikaa 5 gidduutti garaagarteen jiraachuu muul’ateera.

Lammiileen Itoophiyaa % 94, Niijer % 93 talaallicha fudhachuf fedhii qabaachuu eerrameera.Lammiileen Seeneegaal % 65, Ripaablika Demookraatawaa Koongoo % 59 fedhii qabu jedhame.Namoota hirmaatan keessaa % 18 talaallichii guutumaan guutuutti nageenyummaan isaa kan mirkanaa’ee miti jechuun kan amanan yoo ta’u, % 25 ammoo warreen nageenyummaan isaa kan hin mirkanoofne ta’uu danda’a jechuun amananiidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015