Damee barnootaan Qindoomninni hoggansa dubartootaa biyyaalessaa hundaa'e.

66

Finfinnee,Mudde.9/2013(TOI)- Damee barnootaan Qindoomninni hoggansa dubartootaa biyyaalessaa hundaa'e.

Itiyoophiyaatti hundeeffamni damee barnootaan Qindoomninni hoggansa dubartootaa biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.Deetaan Ministeera Barnootaa Dr.Garramuu Hulluuqaa damee barnootan dubartoota gara hoggansatti fiduun dubartoota gahoomsuu irra darbe faayidaa olaanaa qabaachuu hubachiisan.

Biyyaatitti damee barnootaan dubartoota gara hoggansaatti fiduuf hojiin hojjetame %10 kan hin guune ta’uu ragaan jiru ni mul’isa.

Damee barnootan dubartoota gara hoggansatti fiduun dame kanaan jijjiramni galmaa’u qabu akka galmaa’u barbaachisa waan ta’eef qindoomina biyyoleessaa gumachaa olaanaa qaba jedhame. Qindoominni kun hojimaata jiru keessatti hudhaalee jiran darbuun dubartoonni dandeettii qaban akka fayyadamniif isaan gargaara jedhameera.

EBCtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015