Namoota yakkamtootaa garee TPLF saaxilaaniif iccittii isaanii eeguun badhaasni Birrii Miiliyoona 10 qophaa’uun ibsame.

70

Finfinnee,Mudde 09/2013(TOI)-Namoota yakkamtootaa garee TPLF saaxilaaniif iccittii isaanii eeguun badhaasni Birrii Miiliyoona 10 qophaa’uun ibsame.

Kana ilaalchisun Ministeera Raayyaa Ittisaa Biyyaatti hogganaa qajeelcha olaanaa odeeffannoo Gamtaa, Letaanal Jeeneeraal Asraat Deneroo ibsa miidiyaaleef kennaniru.

Polisiin federalaa fi raayyaan ittisa biyyaa garee TPLF seeraan barbaadaman qabuuf hojiiwwaan adda addaa hojjechaa jira.

Garee dheessee bosonaa fi holqatti galee kanaas hordofaa jira jedhaniru Ibsa kanarrattis namoonni yakkamtootaa garee TPLF bakka jiran saaxilaaniif iccittini isaanii eegamuun badhaasaa Birrii miiliyoona 10 qophaa’eeras jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015