Obbo Dammaqee Makonnin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Bakka buutuu Fandii dhimma Hawaasumma Itiyoophiyaa waliin mari’atan

63

Finfinne Muddee 8/2013(TOI)- Ministiirri Muummee Itti aanaafii Ministiirri dhimma alaa Obbo Dammaqee Makonnin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Bakka buutuu Fandii dhimma Hawaasumma Itiyoophiyaa waliin mari’atan.

Marii kana irrattis obbo Dammaqeen hojii mootummaan Olaantummaa seeraa Naannoo Tigiraayitti hojjechaa jiru ibsuun, Fandiin Dhimma Hawaasummaa kun baqattoota dubartoota Itiyoophiyaa Sudaanitti argamaniif deeggarsa taasiseef galateeffatanii jiru.

Yeroo ammaa kana mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu xumuruun deeggarsa namoomaa taasisaa jiraachuus himan.

Hojii deeggarsa taasisuu cinaattis bu’uuraalee misoomaa gareen Juuntaa barbadeesse deebisanii suphuufi qaamolee seeraan barbaadaman qabanii seeratti dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu Obbo Dammaqaan Aadde Deeniyaa Gaayileenitti himaniiru.

Aadde Deeniyaa Gaayileen gama isaaniitiin Dhaabbanni isaanii hojii Naannoo Tigiraayitti Dubartootaafii Daa’imman deeggaruu cimsee itti fefuuf karoora akka qabu himan

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015