Jilli aadde Fiilsan Abdullaahiin durfamuu fi gareen Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa hammate Jigjigaa gale - ENA Afaan Oromoo
Jilli aadde Fiilsan Abdullaahiin durfamuu fi gareen Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa hammate Jigjigaa gale
67
Finfinnee, Muddee 6/ 2013 (TOI)- Jilli Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Fiilsan Abdullaahiin durfamuu fi gareen ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa hammate magaalaa Jigjigaa galeera.
Jilichi ambaasaaddaroota Noorweey, Fiinlaand, Ayirlaand, Jaappaan, Turkii fi Swidiiniin kan hammatameedha.
Jilichaf hoggantoonni hojii mootummaa naannichaa simannaa taasisuufi televiizhiiniin naannoo Sumaalee ibseera.
Jilichi guyyaa Rivaanii Adii sadarkaa idil addunyaatti yeroo 29 fi sadarkaa biyyooleessaatti ammoo yeroo 15ffaaf kabajamaa jiru irratti hirmaata kan jiru yoo ta’u, ayyanichi sadarkaa biyyooleessaatti sirnoota garaagaraatin kabajamaa jira.