Koreen qaqeenya walitti qabuu biyyalessaa adeemsa seera kabachiisuu keessatti miseensota balaan irra gahe daaw’ate

67

Finfinnee Muddee 06/2013(TOI)- Koreen qabeenya walitti qabuu biyyalessaa miseensota raayyaa ittisa biyyaa wayta olantummaa sera kabachiisan miidhaan irra gahe daw’atan.

Daaw’annaa kana irratti ministeerri nageenyaa Aadde Mufaariyaat Kaamil,Ministeerri Fayyaa Dr.Liyaa Taaddasaa fi ministeerri Geejjibaa Aadde Dagmawit Mogas hirmatanii jiru.

Aadde Muufeeriyaat Miseensota Raayyaa ittisa biyyaa lafeesaanii fi dhiigasaanii biyyasaaniif gatii kaffalan madaaluu baatus, kabajaa fi waliin ta'uu keenya ibsuuf asitti argamne jedhan.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu kun kan barnoota irraa arganne duulichi icciitiin biyya jaallachuu hagam akka ta'e kan itti barres jedhan.

Nageenya waaraa fiduuf olaantummaa seeraa kabachiisuun murteessaadha kan jedhan, Aadde Muufeeriyaat,kanaan boda tokkummaan gaafatamummaa nutti kenname akka bahannuuf haala kan mijeessee fi karaa kan qabsiise jedhan.

Miseensota Raayyaa Ittisa biyyaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu kanarratti hirmaatan hunmna addaa Naannoo Amaaraa fi Affaar dabalatee hunda galteeffataniiru. Ministeera Nageenyaa Wabeeffanne

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015