Abbaan qabeenyaa Riil Isteetii Muularii fi Birgaadeer jeneraal Abrahaam mana murtiitti dhiyaatan

1638

Finfinnee, Muddee 5/2013 (TOI) – Abbaan qabeenyaa Riil Isteetii Muular obbo Muluugeetaa Asirasii fi Birgaadeer jeneraal Abrahaam Mawucaan har’a Mana Murtiitti dhiyaataniiru.

Shakkaman galmee abbaa qabeenyaa Riil Isteetii Muular faa jalatti hammatame miiliyoona 81 ol gama Baankii Anbasaan garee finxaaleyyii ABUTtiif deeggarsa taasiisuu ragaan argamuu qorataan Poolisii dadhachaaf ibseera.

Shakkamtoonni kunneen maqaa lafaan waldaan gurmaa’uun Baankii Anbassaan alaa baankoota afuriin garee farreen nageenyaaf maallaqa daddabarsaa turuu isaanii eerrameera.