Baatii Sadaasa qofa keessatti galii Birrii Biiliyoona 19 ol sassaabuu Ministeerii Galiiwwaanii beeksise

51

Finfinnee, Mudde 05/2013(TOI)-Baatii Sadaasa qofa keessatti galii Birrii Biiliyoona 19 ol sassaabuu Ministeerii Galiiwwaanii beeksise.

Galii sassaabame keessa galiin biiliyoona 9 ol biyyaa keessa yoo ta’u, galiin Birrii Biiliyoona 9 ol immoo daldaalaa biyyaa alaa,taaksiifi lootorrii irra kan sassaabamee ta’uun ibsameera.

Karoorrii ji’a Sadaasa keessatti qabame harki 92 milkaa’us ibseera Ministeerrichi. Miniteerrichi ji’oota 5n darbanitti immoo galiin Birrii Biiliyoona 126 ol sassaabamera jedhe.

Ministeerrichi bara baajata kanatti galii Birrii Biiliyoona 290 sassaabuuf karoorfatee hojjechaa akka jiru MinistIrri Galiiwwanii obbo Laaqa Ayyaaleew himaniiru.

Galii sassaabama jiru keessatti qaamoolee gahe isaanii bahaachaa jiranis galteeffataniiru Obbo Laaqan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015