Abbaa Taayitaa Galiiwwan fi Gumurukaa Biyyaaleessaatti, Buufanni To’annoo Damee Mooyyaalee, ji’oota 5n darban qofa keessatti meeshaalee garaa garaa seeraan alaa galuuf turan Birri Miliyoona 100 olitti tilmaamamu to’atamu beeksise

55

Finfinnee,Mudde 05/2013(TOI)- Abbaa Taayitaa Galiiwwan fi Gumurukaa Biyyaaleessaatti, Buufanni To’annoo Damee Mooyyaalee, ji’oota 5n darban qofa keessatti meeshaalee garaa garaa seeraan alaa galuuf turan Birri Miliyoona 100 olitti tilmaamamu to’atamu beeksise.

Damichaatti yeroo ammaa buufanni to’annoo biyya ollaa Keeniyaa waliin ta’uun saqamee hojii jalqabuun isaa daldala seeraan alaa naannichaatti danqaa ture xiqqeessuu keessaatti iddoo guddaa waan qabuufi fuula duratti milka’inaa guddaa ni qabaataa jedhameera.

Buufata To’annoo Damee Mooyyaaleetti, Abbaan Adeemsaa Hojii Hordoffii Ittisa daldala Seeraan Alaa Obbo Abdirazaaqi Abdii, ji’oota shanan darbanitti meeshaaleen garaa garaa karaa seeraan alaan galanii gabaa biyyaarratti dhiibbaa uumuun dinagdee biyyaa miidhu dandahan ittisuuf hojii hojjatameen meeshaaleen Birri Miliiyoona tilmaamamu to’annoo jala oluu himaniiru.

Hojii Gaggeessaa Gumuruka Damee Mooyyaalee Obboo Caannaaloo Faajjii, dameechatti hojiin qindoominaa hojjatamuu isaatiin baatiiwwan dabran kanatti meeshaalee garaa garaa karaa seeraan alaan galuuf ture to’atameera jedhaniru.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015